Oromiyaatti bara kana hanga ammaatti biqilaan biiliyoonni 3.5 dhaabbate
Finfinnee, Adoolessa 18, 2017 (FMC) – Naannoo Oromiyaatti sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaan hanga ammaatti biqilaan biiliyoonni 3.5 dhaabbate jedhe Biiroon Qonnaa naannichaa.
Naannoo Oromiyaatti bara kana Biqilaa biiliyoona 5.3 dhaabuuf karoorfamee hanga ammaatti biqilaan biiliyoonni 3.5 lafa hektaara kuma 700 fi kuma 88 olirra dhaabbachuu Biiroo Qonnaa Oromiyaatti Daayrekterri Misooma Bosonaa obbo Katamaa Abdiisaan Faanaa Diijitaalitti himaniiru.
Hawaasni miiliyoonni 10.6 dhaabbii biqiltuu kanarratti hirmaatan jedhan.
Biqiltuuwwan dhaabbatan keessaa biiliyoonni 1.2 biqilaa Bosonaa, biiliyoonni 1 Maasii qonnaa (nyaataa)fi miiliyoonni 800 ammoo Nyaata beelladdaaf kan oolan ta’uu dubbatan obbo Katamaan.
Sagantaa ashaaraa magariisaa bara kanaarratti qophii duraa eegalee itti fayyadamni Teeknooloojii olaanaa ture jedhan.
Waliigala lafa biqilaan irra dhaabbachuuf karoorfame keessaa % 50 ol Teeknooloojiin kan adda bahe ta’uu kaasan.
Biqilaa dhaabbatu keessaa biqilaan biiliyoonni 2.3 Lafa Teeknooloojiin adda baherra kan dhaabbatu ta’uus kaasaniiru.
Kun ammoo hordoffii fi deeggarsaaf haala mijataa kan uumu, akkasumas ragaa ammayyeessuu fi amanamummaa ragaa dabaluuf qooda olaanaa qabaachuu kaasan.
Biyya qilleensa gaarii qabdu jireenya dhala namaaf mijattuu taate ijaaruuf sagantaan ashaaraa magariisaa gahee olaanaa waan qabuuf qaamni hundi saganticha milkeessuu keessatti qooda isaa akka bahatu obbo Katamaan dhaamaniiru.
Siifan Magarsaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.