Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti Barattoonni miiliyoona 1 fi kuma 300 ol Qormaata Naannoo kutaa 6ffaa fi 8ffaa ni fudhatu-BBO

Finfinnee, Caamsaa 3, 2017 (FMC)- Naannoo Oromiyaatti bara kana Barattonni miiliyoona 1 fi kuma 300 fi kuma 61 fi 400 Qormaata Naannoo Kutaa 6ffaa fi 8ffaa walduraa duubaan kan fudhatan ta’uu Biiroon Barnootaa naannichaa beeksise.

Haaluma kanaan qormaata naannoo xumuraa barnoota sadarkaa 1ffaa kutaa 6ffaa Barattoota kuma 700 fi kuma 69 fi 176 manneen barnootaa kuma 12 fi 449 keessatti barachaa jiraniif kan kennamu ta’uu Hogganaa itti aanaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dooktar Galaanaa Waldamikaa’eel Faanaa Diijitaaliif ibsaniiru.

Akkasumas qormaata naannoo xumuraa sadarkaa Giddugalesssa kutaa 8ffaa’n Barattoonni kuma 500 fi kuma 92 fi 224 Manneen Barnootaa kuma 9 fi 783 keessatti barataa jiran qoruuf qophiin xumuramuu Dooktar Galaanaan dubbataniiru.

Waliigalatti, barattoonni miiliyoona 1 fi kuma 300 fi kuma 61 fi 400 buufatalee qormaata kuma 1fi 305 keessatti qormaaticha kan fudhatan ta’uu himaniiru.

Qormaanni naannoo kutaa 6ffaa Caamsaa 26-27, 2017 kan kennamuu fi kan kutaa 8ffaa immoo Waxabajjii 03-05, 2017 kan kennamu ta’uun eerameera.

Haaluma kanaan manneen barnootaa, barsiisonnii fi maatiin barattootaa deeggarsa barattootaaf taasisan cimsanii akka itti fufan Dooktar Galaanaan waamicha dhiyeessaniiru.

Barattoonni qormaaticha fudhatanis qophii barbaachisaa akka taasisan dhaamaniiru.

Tsahaay Gulummaatiin

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.