Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti Beelladoota miiliyoona 16 oliif Talaalliin kanname – BQO

Finfinnee, Caamsaa 12, 2017 (FMC ) – Oromiyaatti hojii tarsiimoo dhibee dursaanii ittisuurratti xiyyeeffateen bara kana beelladoota miiliyoona 16 oliif Talaalliin kennamuu Biiroon Qonna naannichaa ibseera.

Bara kana beelladoota miiliyoona 24 talaaluuf karoorfamee hanga ammaatti beelladoota miiliyoona 16’f talaalliin kennamuu Biiroo Qonnaa Oromiyaatti Daayrektarri Eegumsa Fayyaa Beelladaa Dooktar Abdii Asaffaan himaniiru.

Akka naannichaatti talaallliin gosti 16 kennamaa jiraachuu eeraniiru.

Hanga danda’ametti dhaqqabummaa talaallii waliin gahuuf tattaaffiin taasiifamaa jiraachuu Dooktar Abdiin eeraniiru.

Waliigala talaallii gosa hundaan beelladoota jiran % 72 qaqqabuuf karoorfamee hanga ammaatti % 56 qaqqabuun danda’ameera jedhan.

Hojii dhibee dursanii ittisuu hojjetamaa jiru kanaan Du’aatii beelladootaa % 4’n gahuun danda’amuu himaniiru.

Talaallii kana bakka hunda qaqqabsiisuuf rakkoo guddaan lakkoofsi Keellawwan fayyaa hanga barbaadamuu gadi ta’uu ibsaniiru.

Keellawwan fayyaa sababa rakkoo nageenyaan barbada’an dhaqqabamummaa eegumsa fayyaa beelladarratti dhiibbaa uumuu Dooktar Abdiin Faanaa Diijitaaliif himaniiru.

Qorannoo jiruun dhukkuboonni namaa % 60 Beelladarraa waan dhufuuf Hawaasni foon beellada fayyummaan isaa hin mirkanooffanne nyaachurraa akka of qusatu dhaamaniiru.

Hawaasni beelladoota isaanii yeroo isaa eeguun keellaa fayyaa beelladaatti akka talaalchifatan gaafataniiru.

Siifan Magarsaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.