Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti beelladoota miiliyoona 99 oliif talaalliin kennameera- BQO

Finfinnee, Waxabajjii 27, 2017(FMC)- Biiroon Qonnaa Oromiyaa bara kana beelladoota miiliyoona 99 fi kuma 300 oliif talaalliin kennameera jedhe.

Naannichatti bara kana lukkuufi loon dabalatee beelladoota biroo miiliyoona 100 fi miiliyoona 2 fi kuma 200 ol talaalchisuuf karoorfamee beelladoonni miiliyoonni 99 fi kumni 300 ol talaallii fudhachuun ibsameera.

Talaallii doozii miiliyoona 100 fi miiliyoona 40 kennuuf karoorfamee miiliyoonni 100 fi miiliyoonni 45 kennameera jedhan Biirichatti Daayrektarri Eegumsa Fayyaa Beelladaa Dooktar Abdii Asaffaan.

Naannichatti hojii fayyaa beelladaa eeguurratti hojjetameen bara kana dhukkubni bifa addaan ka’ee beellada miidhe kan hin jirre ta’uus Dooktar Abdiin Faanaa Diijitaaliitti himaniiru.

Gama biraan naannoo magaalotaatti keellaawwan beelladaan walqabatee hanqinni guddaan jiraachuu ibsaniiru.

Magaalonni baajata isaaniitiin keellaa beelladaa kan ijaarratan ta’uu yaadachiisuun, hanqinni gama kanaan jiru kenna tajaajilaarratti gufuu guddaa uumuu hubachiisan.

Magaalonni keellaa fayyaa beelladaa akka ijaarrataniif hubachiisaa turreerra kan jedhan Dooktar Abdiin, naannoo magaalaa Shaggaritti fooyya’iinsi jiraachuu ibsaniiru.

Ayyaanaa Dheeressaan.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.