Oromiyaatti Bona kana lafa hektaara miiliyoona 4 ol jallisii boneen Qamadii misoomsuuf hojjetamaa jira – BQO
Finfinnee, Onkololeessa 14, 2018 (FMC) – Naannoo Oromiyaatti Bona kana lafa hektaara miiliyoona 4 ol jallisii boneen Qamadii misoomsuuf hojjetamaa jira jedhe Biiroon Qonnaa naannichaa.
Yeroo ammaa qophiin barbaachisu xumuramuu Hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa obbo Geetuu Gammachuun Faanaa Diijitaalitti himaniiru.
Haala mijataa jirutti fayyadamuun oomishtummaa guddisuuf qonnaan bultoota dabalatee qaamoleen dhimmi ilaallatu akka qophaa’aan sosochiin taasifamuu kaasan.
Sanyii filatamaan kuntaalli 600 fi Xaa’oon kuntaalli miiliyoonni 3 dhiyaachuu ibsan.
Paampiwwan bishaanii kumni 29 ol qonnaan bultootaaf raabsamuus dubbataniiru.
Hanga ammaatti lafa hektaara kuma 400 fi kuma 93 fi 156 qotame keessaa hektaarri kumni 200 fi kumni 38 fi 336 sanyiin uwwifamuu obbo Geetuun eeraniiru.
Abeel Nawaayitu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.