Oromiyaatti Boqqolloon Lafa Heektara miiliyoona 2.4 ol irratti misoome- Obbo Geetuu Gammachuu
Finfinnee, Fulbaana ,15 2018 (FMC) -Naannoo Oromiyaatti lafti heektarri miiliyoonni 2 fi kumni 400 ol sanyii boqqolloon misoomeera jedhan Hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuun.
Godina Iluu Abbaa Boor Aanaa Yaayyootti oomisha boqolloo kilaasteraan oomishamaa jiruu fi hojileen qonnaa garaagaraa daawwatamaniiru.
Godinicha aanaalee garaagaraa keessatti oomishni Boqqolloo lafa heektaara kuma 88 ol irratti misoomaa jira.
Daawwannicharratti kan argaman Waajjira Paartii Badhaadhinaa Oromiyaatti Itti Gaafatamaan Damee Siyaasaa obbo Namarraa Buliin haasawaa taasisaniin, mootummaan naannoo Oromiyaa inisheetivoota qonnaa hojiirra oolchaa jiruun jiruufi jireenya hawaasaa jijjiiruufi badhaadhina maatii mirkaneessuuf hojjechaa jira jedhan.
Badhaadhina hundagalessaa mirkaneessuuf jalqaba badhaadhina maatii mirkaneessuun murteessaa ta’uu eeraniiru.
Qonnaan bultootni lafa qaban irratti jireenyi isaanii akka fooyya’uuf oomishaalee wabii nyaataa mirkaneessanii fi galii maddissiisan oomishuu akka qaban dhaamaniiru.
Hogganaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa obbo Geetuu Gammachuu gamasaaniin, sadarkaa naannootti lafti heektaarri miliiyoona 2.4 oomisha boqollootiin misoomaa jiraachuu himaniiru.
Oomishaa fi oomishtummaa qonnaa dabaluuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu eeruun, lafti 80% kilaasteeraan qotamuu ibsaniiru.
Bulchaan godina Iluu Abbaa Boor obbo Indaalkaachoo Tafariin, galmoota qonnaa hojiirra oolaa jiruun qonnaan bultoota jiruu fi jireenya isaa fooyyeessuun galii dabalataa akka argataniif hojjetamaa jiraachuu ibsuu isaanii Itti Gaafatamaan Waajjira kominikeeshinii Godinichaa Tolasaa Asaffaan Faanaa Diijitaaliif ibsaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.