Oromiyaatti dammi meetirik toonii kumni 100 fi kumni 40 ol oomishame
Finfinnee, Caamsaa 12, 2017(FMC) – Naannoo Oromiyaatti oomishni dammaa meetirik toonii kumni 100 fi kumni 42 argamuun ibsameera.
Erga inisheetiiviin misooma dammaa bocamee gara hojiitti galamee Oromiyaatti oomishaafi oomishtummaan dammaa guddachaa jiraachuu Qorataan Kanniisaafi Qindeessaan Inisheetiivii Misooma Dammaa Oromiyaa Dooktar Toleeraa Kumsaan ibsaniiru.
Bara 2013 wayita inisheetiiviin misooma dammaa eegalu oomishni argame meetirik toonii kuma 60 akka ture yaadachiisanii, bara kana meetirik toonii kuma 100 fi kuma 40 argamsiisuuf karoorfamee hojjetamaa akka ture himaniiru.
Bara kana haalli qilleensaa oomisha dammaaf mijataa ta’e waan jiruuf hanga ammaatti oomishni dammaa karooraan ol meetirik tooniin kumni 100 fi kumni 42 argamuu ibsaniiru.
Qulqullina oomisha dammaa guddisuuf gaagura aadaa irraa gara gaagura ammayyaatti ceesisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa akka ture kan ibsan Dooktar Toleeraan, gaagura ammayyaa fayyadamuun qulqullina dabaluun cinaatti oomishaafi oomishtummaas kan guddisu ta’uu eeraniiru.
Bara kanas gaagura ammayyaa miiliyoona 1 fi kuma 500 qonnaan bultootaaf dhiyeessuuf karoorfamee hanga ammaatti gaagurri ammayyaa miiliyoonni 1 fi kumni 300 ol dhiyaachuu kaasaniiru.
Oomishni dammaa wabii midhaan nyaataa mirkaneessuu dabalataan sharafa alaa argamsiisuufi Carraa hojii uumuu keessattis gahee olaanaa bahachaa jira jedhaniiru.
Ayyaanaa Dheeressaan.