Oromiyaatti dargaggoonni miiliyoonni 1 ol leenjii Itiyoo Koodarsii fudhatan
Finfinnee, Bitootessa 2, 2018 (FMC) – Naannoo Oromiyaatti dargaggoonni miiliyoonni 1 ol leenjii Itiyoo Koodarsii fudhatan jedhe Biiroon Saayinsii fi Teeknooloojii naannichaa.
Lammiilee miiliyoona 1.4 oliif leenjicha kennuuf karoorfamee lammiileen miiliyoonni 1.3 galmaa’uu Ittaanaan Biiroo Saayinsii fi Teeknooloojii naannichaa Injinar Jimaa Tulluun Faanaa Diijitaalitti himaniiru.
Kanneen keessaa dargaggoonni miiliyoonni tokkoo ol leenjicha hordofuun waraqaa ragaa fudhachuu dubbatan.
Gama biroon jiraattonni naannichaa miiliyoonni 11.3 fayyadamoo eenyummeessa diijitaalaa ta’uu ibsan.
Abeel Nawaayiin
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.