Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti du’aatii haadholii ittisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira – BFO

Finfinnee, Amajjii 15, 2017 (FMC) – Naannoo Oromiyaatti du’aatii haadholii ittisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Biiroon Fayyaa naannichaa beeksise.
Guyyaa haadholii Baatii Amajjii kana keessa kabajamu ilaalchisee Daaryekterri Barnoota Fayyaafi koominikeeshinii Biiroo Fayyaa Oromiyaa Siister Sa’aadaa Ahimad miidiyaaleef ibsa kennaniiru.
Fayyummaa fi kunuunsa haadholiif malu taasisuun gahee qaama hundaa ta’uu ibsaniiru.
Baatiin Amajjii guutummaan isaa baatii fayyummaa haadholii ta’ee kabajamaa jiraachuu dubbataniiru.
Itiyoophiyaatti ammoo guyyaan haadholiin 28 ta’an sababa ulfaafi da’umsaan lubbuun isaanii dhabaa jiraachuu himaniiru.
Rakkoolee kanneen hambisuuf Haadholiin ulfaa tajaajila da’umsa duraa fi boodaa akka taasiisan deeggaruufi jajjabeessuun murteessaa ta’uu eeraniiru.
Waggaatti sababoota ulfaafi da’umsaan haadholiin kumni 200 ol lubbuu isaanii kan dhaban ta’uu ragaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaarraa argame ni mul’isa.
Oliiqaa Girmaatu gabaase.
May be an image of 1 person, newsroom and text
See insights and ads

Boost post
All reactions:

45

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.