Oromiyaatti Duulli Talaallii Pooliyoo kennamuu eegale
Finfinnee, Bitootessa 18, 2018 (FMC)- Naannoo Oromiyaatti Duulli Taalallii Pooliyoo Qinda’aa Marsaa 5ffaan Daa’imman Umurii shanii gadiif kennamuu eegaleera.
Duula talaallichaa Hogganaa Ittanaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dooktar Tasfaayee Kibabawu Godina Shawaa Lixaatti eegalchiisaniiru.
Duulichi har’a eegaluun hanga Bitootessa 21tti kan turu ta’uu Dooktar Tasfaayeen Faanaa Diijitaalif himaniiru.
Marsaa kanaan Daa’imman miiliyoona 7 ol talaalchiisuuf karoorfamuus kaasaniiru.
Duulichi Godinaalee 16 fi Magaaloota 20 keessatti guyyaa har’aa kennamuu eegaluu Dooktar Tasfaayeen dubbataniiru.
Tsahaay Gulummaatiin
#Oromia #Ethiopia