Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti Foyya’iinsa Siviil Sarviisii hojiirra oolchuuf qophiin taasifamaa jiraachuun ibsame

Finfinnee, Caamsaa 1, 2017 (FMC) – Naannoo Oromiyaatti Foyya’iinsa Siiviil Sarviisii hojiirra oolchuuf qophiin duraa hojjetamaa jiraachuu Biiroon Siviil Sarviisii fi Misooma Qabeenya Namaa Oromiyaa ibse.

Tajaajilli dhaabbilee guutuumman bu’aa qabeessa akka ta’uuf kallattii Siiviil Sarviisii Mootummaa hojirra oolchuuf hojjetamaa jiraachuu Hogganaa Itti aanaan Biirichaa Obbo Daamxoo Gammachuu Faanaa Miidiyaa Korpooreeshiniif ibsaniiru.

Foyya’iinsichi hojiira oolchuun dura gaaffiilee bulchiinsa gaarii ummataa deebisuuf, rakkoolee namuusaa furuu fi sirreessuu akkasumas tajaajiloota hojiin adda baasuu hojjetamaa jira jedhan.

Magaaloota guguddoo naannichatti Tajaajila Giddugala tokkoo eegalchiisuuf qophiin taasifamaa jiraachuus himaniiru.

Gahumsaa fi bu’aa hoggansaa fi hojjetaa adda baasuun madaalliin kan gaggeeffamu ta’uu eeruun, kanneen raawwii foyya’aa galmeessaniif beekamtii kennuun dhaabbileen kara haaraa ta’een tajaajila kan eegalan ta’uu dubbataniiru.

Kaayyoon foyyaa’insichaa dhaabbilee fedhii ummataa fi biyyaa milkeessuu danda’an ijaaruuf ta’uus ibsaniiru.

Rakkoon bulchiinsa gaarii foyya’iinsaan kan furamu ta’uu himuun, foyya’insicha hojirra oolchuuf qooda fudhattonni gahee isaanii akka bahatan Obbo Daamxoo gaafataniiru.

Maartaa Geetaachootu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.