Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti Galmeen Barattootaa eegale

Finfinnee, Hagayya 26,2017 (FMC) – Naannoo Oromiyaatti Galmeen Barattootaa bara Barnootaa 2018 har’a eegaleera.

Galmeen bara kanaa Hagayya 26, 2017 hanga Qaammee 5, 2017tti kan gaggeeffamu ta’uu Sadarkaa Hogganaa itti Aanaatti Gorsaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Obbo Efireem Tasammaan Faanaa Diijitaaliif ibsaniiru.

Haaluma kanaan guyyaa har’aa manneen barnootaa Bu’uura Boruu irraa hanga kutaa 12ffaa Naannoo Oromiyaa keessatti argaman hundatti galmeen barattoota Idileefi haaraa eegalameera jedhan.

Qaammee 5, 2017 booda galmeen kan hin raawwatamne ta’uu obbo Efireem hubachiisaniiru.

Maatii fi Barattoonni guyyaa eerame keessatti galmee akka xumuran yaadachiisaniiru.

Tsahaay Gulummaatiin

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.