Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti hanga ammaatti lafa hektaara miiliyoona 2 irraa oomishni qamadii jallisii Bonee walitti qabamuun ibsame

Finfinnee, Ebla 24, 2017 (FMC) – Oromiyaatti Qamadii Jallisii Boneen lafa hektaara miiliyoona 3.2 irratti misoome keessaa hanga ammaatti hektaara miiliyoona 2 irraa oomishni walitti qabamuu Biiroo Qonnaa Naannoo Oromiyaa ibse.

kanarraahis callaa kuntaalli miiliyoonni 68 argamuu Itti Aanaa Hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa obbo Bariisoo Fayyisaan ibsan.

Mancaatiin oomishaa akka hin mudanne qonnaan bultoonni oomisha isaanii Kompaayinaraan akka walitti qaban taasiifamuu kaasaniiru.

Oomisha Qamadii jallisii bonee bara kanaarraa waliigalaan callaan kuntaalli miiliyoonni 100 fi miiliyoonni 32 kan eegamu ta’uu dubbataniiru.

Gaashaw Araggaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.