Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti hojii eegumsa biyyeefi bishaanii hojjetameen Saaxilamummaan balaa hir’ate- BQO

Finfinnee, Guraandhala 24, 2018 (FMC) – Naannoo Oromiyaatti hojii Eegumsa biyyee fi bishaanii kutaalee hawaasaa hirmaachiisee hojjetameen saaxilamummaan balaa hir’ateera jedhe Biiroon Qonnaa Naannichaa.

Naannichatti bara kana lafa heektara miiliyoona 3 fi kuma 200 hojii eegumsa biyyee fi bishaanii raawwachuuf karoorfamee hanga ammaatti raawwiin %81 galmaa’uu Hogganaa Itti aanaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Eeliyaas Kadir Faanaa Diijitaaliif ibsaniiru.

Lafa miidhame tutuqqii namaa fi beeyladarraa bilisa gochuurra darbee naannichatti hojiin sululaa sadarkaa olaanaan hojjetamuu himaniiru.

Hojiin eegumsa biyyee fi bishaanii naannichatti gaggeeffamaa jiru kutaalee hawaasaa hunda kan hirmaachiisee ta’uu ibsuun, kanaanis haroowwan gogaan dandamachuu fi saaxilamummaan balaas hir’achuu Obbo Eeliyaas himaniiru.

Dabalataniis biqiltuwwan biiliyoona 3 fi miiliyoona 500 kunuunsuun danda’amuu ibsuun, uwwisni bosonaa naannichaa gara %29tti guddachuufi oomishni fi oomishtummaa kuduraalee fi muduraalee dabaluus eeraniiru.

Sagantaa Ashaaraa Magariisaan bara kana biqiltuuwwan biiliyoona 4 fi miiliyoona 900 dhabuuf karoorfamuu ibsuun, hanga ammaatti Biqiltuuwwan biiliyoonni 3 fi miiliyoonni 800 qophaa’uu dubbataniiru.

Biqiltuuwwan hedduun qabeenya qilleensaa waliin kan walsiman ta’uu ibsuun, hojiin qophii lafaa cimee itti fufuu eeraniiru.

Biqiltuuwwan nyaata beeyladaaf, warshaaleef akkasumas jijjiirama qabeenya qilleensaaf gahee qabataniif xiyyeeffannoon kennamuu ibsaniiru.

Abeel Niwaayitu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.