Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti ittisaa fi to’annoo dhibee Busaa irratti bu’aa abdachiisaan galmaa’uu ibsame

Finfinnee, Ebla 18, 2017 (FMC) – Naannoo Oromiyaatti ittisaa fi to’annoo dhibee Busaa irratti hojiin hojjetame bu’aa abdachiisaa galmeessisuu Hoggantuun Biiroo Fayyaa Oromiyaa Piroofeesar Natsaannat Warqinah ibsan.

Naannichatti ittisaa fi to’annoo dhibee busaa irratti tola ooltota qindeessuun, leenjisuu fi leecalloo argametti sirnaan gargaaramuun hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Bakkeewwan walhormaata bookee busaa dhabamsiisuu, iddoowwan saaxilamoo ta’anitti saaphana siree miiliyoona 8 ol raabsuunii fi namoota dhibee kanaan qabaman yaaluun hojjetamaa jiraachuus kaasaniiru.

Ministir Deetaan Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaan gamasaaniin, dhibee busaa akka addunyaatti keessaattuu biyyoota Afrikaaf rakkoo guddina hawaas diinagdee ta’uurra darbee lubbuu lammiilee hedduu gaaga’aa jiru qolachuuf qindoominaan hojjechuun murteessaa ta’uu ibsaniiru.

Guyyaan dhibee Busaa addunyaa mata duree “kalaqa haarawaa fi leecalloo walitti qindeessuun kutannoo hunda-galeessaan dhibee busaa haa ittisnu.” jedhuun magaalaa Jimmaatti kabajamuu ragaan Biiroo Fayyaa Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.