Oromiyaatti lafa heektaara kuma 500 irraa qamadiin bonee sassaabamuun ibsame
Finfinnee, Bitootessa 5, 2017 (FMC) – Naannoo Oromiyaatti hanga ammaatti lafa heektaara kuma dhibba 5 irraa qamadiin bonee sassaabamuu Biiroon Qonnaa Oromiyaa beeksise.
Naannichatti qamadiin bonee lafa heektaara miiliyoona 3.2 irratti misoomaa kan jiru yoo ta’u, kana keessaa lafa heektaara kuma dhibba 5 irraa sassaabamuun dhahamee galuu Hogganaa Itti Aanaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Bariisoo Fayyisaan ibsaniiru.
Bara kana roobni arfaasaa dafee roobuu dhabuun sassaabbii qamadii boneef carraa gaarii ta’uu kaasanii, bara darbe godinaalee lixa Oromiyaa godina Jimmaa, Buunnoo Beddelleefi Iluu Abbaa Booritti roobni arfaasaa dafee roobuun sassaabbii oomisha qamadii boneerratti qormaata ta’ee turuu yaadachiisaniiru.
Qamadii bonee bara kanaan milkaa’inni guddaan jiraachuu ibsuun, qulqullinni oomishaas gaarii ta’uu himaniiru.
Hanga oomishaanis kan bara darbee ol ni argama jedhamee kan abdatamu ta’uu dubbataniiru.
Hojiin sassaabbii oomishaa haala gaariirra jiraachuu eeruun, bakkaa bakkatti socho’amee Kombaayinaraan sassaabamaa jira jedhan.
Bakkeewwan muraasarraan kan hafe sassaabbiin qamadii bonee baatii Caamsaa kan xumuramu ta’uu Obbo Bariisoon ibsaniiru.
Ayyaanaa Dheeressaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia