Oromiyaatti lafti inveestimeentii hektaarri kuma100 fi kuma 43 abbootii qabeenyaaf akka kennamu murtaa’e
Finfinnee, Amajjii 5, 2018(FMC) – Bara kana Abbootii Qabeenyaa haaraa kaappitaala qarshii biliyoona 200 fi biliyoona 63 ol galmeessaniif lafti inveestimentii hektaarri kuma100 fi kuma 43 murtaa’eera.
Akka Biiroon Inveestimeentii fi Indaastirii Oromiyaa beksisetti, Mootummaan Naannoo Oromiyaa humna dinagdee biyyaa ceesisuuf hojii bal’aa hojjechaa jiruun invastimantii babal’isuu, carraa hojii bal’aa uumuufi galii naannichaa guddisuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jira.
Bu’uuruma kanaan boordiin Investimantii Oromiyaa bara kana marsaa lamaan Abbootii Qabeenyaa haaraa ulaagaa guutaniifi kaapitaala qarshii biliyoona 200 fi biliyoona 63 ol galmeessaniif lafti invastimantii hektaarri kuma100 fi kuma 43 murtaa’uun dabarfamee kennameera.
Hoogganaan Biiroo Invastimantii fi Industirii Oromiyaa Obbo Ahimad Idiriis ibsa miidiyaaleef kennaniin boordin invastimantii Oromiyaa bara kana marsaa jalqabaa piroojektoota kuma 3 fi 163 ta’an abbootii qabeenyaa kaappitaala qarshii biliyoona 90 ol galmeessiisaniif kan kennamu ta’uu ibsaniiru.
Bifuma walfakkaatuun, marsaa lammafaan ammoo abbootii qabeenyaa kuma 5 fi 158 kaappitaala qarshii biliyoona 100 fi biliyoona 72 caalu galmeessaniif invastimantii bifa addaatin dabarsee kan kenne ta’uu ibsanii jiru.
Investimentiin seektaraalee qonnaa, manufaakchariingii fi tajaajilaa garaa garaa gosoota inveestimeenti eeyyamni itti kenname ta’uunis ibsameera.
Naannoon Oromiyaa sosochii inveestimentii naannichaa caalmatti bu’a qabeessa taasisuuf abbootii qabeenyaa hojii keessa galaniif tajaajilli iddoo tokkoo muirteessuun haala gaariin simachaa jiraachuunis eeramuu odeeffannoon Biiroo kominikeeshinii Oromiyaa irraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia
Oeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.