Oromiyaatti namoonni miiliyoonni tokkoo ol Leenjii Itiyoo-koodeersii fudhatan
Finfinnee, Mudde 13, 2018 (FMC) – Naannoo Oromiyaatti namoonni miiliyoonni tokkoo ol Leenjii Itiyoo-koodeersii fudhataniiru jedhe Abbaan Taayitaa Saayinsiifi Teeknoloojii Oromiyaa.
Inisheetiivii ” 5 million Ethio Coders ” jedhuu akka biyyaatti deggersa Emireetoota Araba Gamtoomaniirra carraa argameen lammiileen biyya hedduu leenjii teeknoloojiin of ga’oomsuu karaa hordofaa turaniiru.
Akka Oromiyaattis leenjiin kun kennamaa kan jiru yoo ta’u, Daarekteerri Abbaa Taayitaa Saayinsiifi Teeknoloojii Oromiyaa Obbo Mokonnin Bayyanaa ibsaniiru.
Yeroon kun yeroo teeknoloojii dijiitaalaan hojjetamu ta’uu eeruun, hidhannoo teeknoloojiin of ga’oomsuun barbaachisaa akka ta’e ibsaniiru.
Sagantaa “Ethio – coders” akka biyyaatti jalqabee kennamaa jiruunis hanga ammaatti namoonni miliyoonni 1 ol akka Oromiyaatti leenjii fudhachuu dubbataniiru.
Leenjii kanaanis hojjettoota mootummaa kumni 500 fi kumni 80, barattootaafi barsiisota kumni 100 fi kumni 90 fi kutaaleen hawaasaa biroo hedduu leenji’uun ragaa argachuus himaniiru.
Bu’aan barnoota kanaas dargaggoota ga’oomsuun carraa hojii biyya keessaa fi alaatti argachuu akka danda’an taasisuu, investimentii gara biyyaatti hawwachuufi dargaggoota ga’oomsuuf kan gargaaru ta’uus eeraniiru.
Dargaggoonnis hidhannoo teeknoloojiin of ga’oomsuun addunyaa duukaa deemuufi dorgomaa akka ta’aniif carraa argatan hundatti fayyadamuu akka qabanis dubbataniiru.
Tajaajila hojii mootummaa dijiitaalessuun tajaajila saffisaafi qulqulluu tuttuqqaa waraqaan ala kennuuf hojjetamaa jiruun tajaajiloota 123 ‘online’ taasisuun magaalota 23 fi godina 2 keessatti turtii waggaa 1fi walakkaa booda hojiirra kan oolu ta’uus obbo Mokonnin ibsaniiru.
Hojiin Oromiyaa dijiitaalessuu kan tajaajila hojii mootummaas hanga gandaatti waan diriiruuf teeknoloojiitti madaquun of ga’oomsuun tajaajilamaarraas akka barbaachisu himaniiru.
Tarsimoon dijiitaala Oromiyaa 2030 hojiirra oolaa akka jiruufi wiirtuun tajaajila giddugala tokkoo magaalota 5 keessatti eegales qaama kanaa akka ta’e kan eeran.
Akka Oromiyaattis wiirtuu daataa guddaa akka biyyaatti kanaan dura hin jirres haaraa ijaaruuf interpiraayziin ijaarsa isaa raawwatu hundeeffamuu kaasuu isaanii ragaan BKO ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.