Oromiyaatti qulqullina barnootaa mirkaneessuuf qooda fudhattoota hirmaachisuun hojjetamaa jira- Dooktar Tolaa Bariisoo
Finfinnee, Fulbaana 18, 2018 (FMC) – Naannoo Oromiyaatti qulqullina barnootaa mirkaneessuuf qooda fudhattoota hirmaachisuun hojjetamaa jira jedhan Hogganaan Biiroo Barnootaa Naannichaa Dooktar Tolaa Bariisoon.
Godina Baalee Aanaa Barbareetti Manni Barumsaa Sadarkaa 2ffaa Leedii Ceekataa deeggarsa dhaabbata “ Imagine One Day” fi hirmaannaa hawaasaan Birrii miiliyoona 48 fi kuma 900 oliin ijaarame eebbifameera.
Sagantaa eebba mana barumsichaarratti kan argaman Hogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dooktar Tolaa Bariisoo, naannichatti qulqullina barnootaa mirkaneessuuf qooda fudhattoota garaagaraa hirmaachisuun qaqqabummaa babal’isuuf hojjatamaa jiraachuu ibsan.
Ijaarsi mana barumsaa kanaas tattaaffii taasifamaa jiru kanaaf ragaadha jedhan.
Itiyoophiyaatti Daayrektarri dhaabbata ‘Imagine One Day’ Dooktar Sa’id Amaan gamasaaniin, dhaabbatichi carraaqqii mootummaan waliin gahiinsa barnootaarratti taasisaa jiru tumsuuf hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.
Olyaad Ahmedtu Gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.