Oromiyaatti rakkoowwan damee albuudaa furuuf hojjetamaa jiraachuun ibsame
Finfinnee, Caamsaa 1, 2017(FMC)- Naannoo Oromiyaatti rakkoowwan itti fayyadama albuudaa furuuf riifoormiifi karoorri qophaa’uu ibsameera.
Riifoormiifi karoorri kun waggoota sadan itti aanan hojiirra kan oolan yoo ta’u alseerummaa damicha keessa ture ni fura jedhame.
Waltajjiin marii riifoormii Misooma Albuudaa Oromiyaa bakkaa Sadarkaa Itti aanaa Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Qindeessaan Kilaastara Baadiyyaa obbo Addisuu Araggaa, Hogganaa Abbaa Taayitaa Misooma Albuudaa Oromiyaa Dooktar Namarraa Gabaayyoofi qooda fudhattoonni biroon argamanitti gaggeeffamaa jira.
Saamichaafi alseerummaa damee albuudaan ture furuuf riifoormiifi karoorri haaraan hojiirra akka oolu obbo Addisuu Araggaan ibsaniiru.
Naannoon Oromiyaa sababa garaagaraan galii damee kanarraa argachuu qabu argachaa akka hin turre Dooktar Namarraan yaadachiisaniiru.
Rakkoowwan hojimaataa, dandeettii raawwachiisummaa, hoggansa lafaafi hanqinni hordoffiifi deeggarsaa damicha mudachaa turuu himaniiru.
Alseerummaa damee kana keessa jiru ittisuuf riifoormiifi karoorri tarsiimawaan waggoottan sadan dhufan hojiirra oolan bocamuu dubbataniiru.
Qooda fudhattoonni waltajjicharratti hirmaatan alseerummaa damicha keessatti mudate furuuf riifoormiin eegalame qabatamaan hojiirra akka oolu gaafataniiru.
Gammachuu Beekumaatu gabaase.