Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti sosochiin sassabbii galii gibiraa bara 2018 eegalame

Finfinnee, Adoolessa 1, 2017 (FMC) –Naannoo Oromiyaatti sosochiin sassabbii galii gibiraa bara 2018 eegalameera.

Haaluma kanaan bulchiinsa magaalaa Adaamaatti bara 2018 galii gibiraa Birri biiliyoona16 fi miiliyoona 600 fi miiliyoona 58 sassabuuf sosochiin gaggeeffameera.

Magaalichatti bara 2017 keessa galii Birrii biiliyoonni12 fi miiliyoonni 500 ol kan sassabbame yoo ta’u,bara kana ammoo Birrii biiliyoona 16 fi miiliyoona 600 fi miiliyoona 58 sassabuuf sosochii sassabbii galii gaggeessaa jiraachuu Itti Gaafatamaan Waajjira Galiiwwanii Magaalaa Adaamaa obbo Balaachoo Asaffaa himaniiru.

Magaalaa Adaamaa magaalaa diingdeen keessatti dagaagu uumuun magaalaa fayyadamummaa uummataa mirkaneessuu dandeessu ijaaruufis xiyyeeffannoon hojjetaa jirra jedhan Kantibaan magaalichaa obbo Hayiluu Jaldeen.

Godina Jimmaattis sassaabbiin galii gibira daldaltoota sadarkaa ‘C’ eegalameera.

Kaffaltiin gibira daldaltoota sadarkaa ‘C’ akka Godina Jimmaatti Aanaa Saqqaa Coqorsaatti eegalchiifameera.

Godinichatti bara kana maddoota galii gara garaa irraa Birrii biiliyoona 9 ol sassaabuuf karoorfamuu Itti Gaafatamaan Waajjira Galiiwwanii Godina Jimmaa obbo Kaasahuun Taaddalaa himaniiru.

Akkasumas bulchiinsa magaalaa Shagar kutaalee garaagaraa keessattis sosochiin sassaabbii galii gibiraa bara 2018 eegalameera.

Faxxanaa Zawudee fi Amiinaa Abdallaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.