Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti talaalliin pooliyoo daa’imman miiliyoona 8 oliif kennamuu eegale

Finfinnee, Caamsaa 22, 2017(FMC) – Oromiyaatti talaalliin pooliyoo marsaa 2ffaa daa’imman miiliyoona 8 fi kuma 300’f kennama jedhe Biiroon Fayyaa Oromiyaa.

Naannichatti duulli qindaa’aa talaallii Pooliyoo marsaa 2ffaan guyyaa har’aa jalqabuu Daayrektarri Daayrektoreetii Fayyaa Haadholii, Daa’immaniifi Dargaggootaa Biiroo  Fayyaa Oromiyaa obbo Abbabaa Baqqalaa Faanaa Diijitaaliitti himaniiru.

Duulli talaallii kun Magaalaa Shaggar irraan kan hafe godinaalee Oromiyaa hunda keessatti akka kennamu kaasanii, Magaalichatti kannaan dura marsaa lamaan kennamuu yaadachiisaniiru.

Talaalliin kun manaa manatti kan kennamu yoo ta’u daa’imman umrii waggaa shanii gadii miiliyoona 8 fi kuma 300 kennama.

Duulli talaallii kun har’a irraa eegalee guyyoota shaniif kennama.

Ayyaanaa Dheeressaan.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.