Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti teeknooloojiiwwan qonnaa hojiirra oolchuun oomishtummaa guddisuuf hojjetamaa jira- BQO

Finfinnee, Hagayya 4, 2017 (FMC)- Biiroon Qonnaa Oromiyaa naannichatti teeknooloojiiwwan qonnaa hojiirra oolchuun oomishtummaa guddisuuf hojjetamaa jira jedhe.

Hogganaa Itti aanaan Biirichaa obbo Bariisoo Fayyisaan akka jedhanitti, naannichatti qonna gannaan lafa heektaaraa miiliyoona 10 fi kuma 800 midhaan gosa garaagaraan misoomsuuf hojjetamaa jira.

Hanga ammaattis lafti heektaarri miiliyoonni 8 fi kumni 900 ol sanyiin uwwifamuu kaasanii, kan hafe akkaatuma haala qilleensaa naannichaan cimee itti fufa jedhan.

Oomishaafi oomishtummaa guddisuuf misooma midhaanii, ashaaraa magariisaa, misooma beelladaafi dameewwan biroorratti inisheetiiviiwwan 28 hojiirra ooluu ibsaniiru.

Wabii nyaataa mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa kan bahatu oomisha ruuzii lafa heektaara miiliyoona 1 fi kuma 500 olirratti misoomsuuf hojjetamaa jiraachuus eeran.

Oomisha ruuzii kanarraas calla kuntaala miiliyoona 58 ol argamsiisuuf karoorfamee hojiitti galameera jedhan.

Qonna gannaa milkeessuuf xaa’oo kuntaala miiliyoona10 fi kuma 500 ol qonnaan bulaaf dhiyeessuuf karoorfamee kuntaalli miiliyoonni 8 dhiyaachuu obbo Bariisoon ibsaniiru.

Naannichatti oomisha qonna gannaarra callaa kuntaalli miiliyoonni 300 fi miiliyoonni 65 ni argamaan akka eegamus himuu isaanii TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.