Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti waggoottan arfan darban hojiilee misooma dammaarraa bu’aa gaariin argame – Dooktar Girmaa Amantee

Finfinnee, Ebla 27, 2017 (FMC) –Oromiyaatti waggoottan arfan darban hojiilee misooma dammaarraa bu’aa gaariin argamuu Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amanteen ibsan.

Godina Jimmaatti sagantaan gurgurtaafi agarsiisa oomisha dammaa gaggeeffamaa jira.

Baatiiwwan saglan darban Gaagurri ammayyaa miiliyoonni 2 ol qonnaan bultootaaf raabsamuu Dooktar Girmaan himaniiru.

Waliigala galaan misooma Dammaaf xiyyeeffannoon kennamee hojiin hojjetame bu’aa galmeessiisuu kaasaniiru.

Yeroo jedhame keessatti Dammi Tooniin kumni 200 fi kumni 20 argamuu dubbataniiru.

Kilaastera Gaagura ammayyaa guddisuuf hojii hojjetameen bu’aa gaariin argamuu Hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa obbo Geetuu Gammachuun ibsaniiru.

Gaagurri Amnayyaa waggaa 4 dura kuma 14 qofa ture amma miiliyoona 3 caaluu kaasaniiru.

Bara 2012tti Oomishni dammaa Gaagura 1 irraa Kiiloo Giraamni 33 argamaa ture ammaa Kiiloo Giraama 36.5 gahuu bulchaan godina Jimmaa Tijjaanii Naasir eeraniiru.

Abeeneezar Taayyeetu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.