Paarkii Biyyaalessaa Gaarreen Baalee…
Finfinnee, Onkololeessa 10, 2018(FMC) – Paarkiin Biyyaalessaa Gaarreen Baalee qabeenya uumamaa Itiyoophiyaan qabdu keessaa tokkoodha.
Kallattii Kibba Bahaa Itiyoophiyaan Naannoo Oromiyaa Godina Baaleetti Finfinneerraa fageenya Kiiloo Meetira 400 irratti argama.
Lubbu qabeeyyii hedduu akaakuun addaa kan qabuu fi teessuma lafaa dinqisiisaa ta’eedha.
Paarkichi biqiltootaa fi bineensota iddoo biraatti hin argamne qaba.
Paarkii Biyyaalessa Gaarreen Baalee kun ‘UNESCO’tti galmaa’uun qabeenya addunyaa ta’eera.
Paarkiin kun Itiyoophiyaaf Paarkii 2ffaa Galmee Hambaa addunyaarratti galmaa’e yoo ta’uu, akka addunyaatti ammoo Paarkii 11ffaa ta’eeti.
Bara 2016tti Hambaa Addunyaa ta’ee UNESCOtti galmaa’uun isaa iddoo kun addunyaarratti bakka filatamaa ta’eera.
Paarkii kana keessatti Gaarri ol ka’aan meetira kuma 4 fi 377 ta’eefi Itiyoophiyaarraa ol ka’insaan 2ffaa ta’e keessatti argama.
Tulluun Diimtuu/Gaara Baddaatti dhihaatanii fi Pilaatoon Saannaatee naannoo olka’aa fi diriiraa ho’a qabuu dha.
Gosoota Biqiltootaa Paarkicha keessatti argaman kuma 1 fi 660 keessaa % 40 biqiltoota qorichummaaf oolaan ta’uu qorannoon gaggeeffamaa ture ni mul’isa.
Paarkiin gaarreen Baalee madda lageen 40ti.
Gosoota Simbirroowwanii 282 ol kan qabu yoo ta’uu, isaan keessaa 16 Itiyoophiyaatti qofa argamu.
Loojiin Dinshoo wiirtuu paarkichaa keessatti ijaaramaa jiruu fi Loojiin Soofumar naannawa sanatti ijaaramaa jiru Paarkichaaf naatoo dabalataati.
Paarkichatti caalmaatti bakka hawwata Tuurizimii taasisuuf daandii magaalaafi baadiyyaa kiiloo meetira 29 kan hammatu akkasumas riqicha shan kan dheerinnisaa meetira 12 hanga 140 ta’an ijaaramaa jiru.
Siifan Magarsaatiin
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.