Fana: At a Speed of Life!

Paarkiin Ispoortii Addis misooma Itiyoophiyaa hunda hammataa kan agarsiisudha- Obbo Tamasgeen Xurunaa

Finfinnee, Bitootessa 26, 2018(FMC)- Paarkiin Ispoortii Addis misooma Itiyoophiyaa hunda hammataa kan agarsiisudha jedhan Ministirri Muummee Itti aanaan Obbo Tamasgeen Xurunaan.

Obbo Tamasgeen Xurunaan ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, misoomni diinagdee misooma namoomaan ala guutuu hin ta’u; babal’inni bu’uuraalee misoomaa Ispoortii keenyas gochaa kana agarsiisu jedhaniiru.

Yaadamni mootummaa Ida’amuu misooma hunda hammataa lammiileen gahuu akka ta’e ibsaniiru.

Guyyaa har’aa Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimadiin kan eebbifame Paarkiin Ispoortii Addis dirree yaadamniifi gochaan mootummaa Ida’amuu itti walgahanidha jechuunis ibsaniiru.

Paarkichatti dargaggootni keenya kan itti dorgomaniifi guddattoonni keenya itti gahooman ta’uurra darbee siidaan atileetota keenya gameeyyii kan keessatti dhaabbatedha jedhan.

Mootummaan Ida’amuu waadaa uummataaf seene miidhagsee, itti gaafatamummaa mootummaa ta’uu kabajee hojjechaa jira kan jedhan obbo Tamasgeen Xurunaan kanaaf ammoo Paarkiin Ispoortii Addis agarsiistuu ta’uu ibsaniiru.

Waadaan gochatti hiikamaa Finfinneenis jijjiiramaa, Itiyoophiyaanis misoomaa gara olka’iinsaatti imalaa jirti jedhaniiru ergaa isaaniin.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.