Fana: At a Speed of Life!

Paartiin Badhaadhinaa gamaaggama raawwii hojii baatiiwwan 6 darbanii magaalaa Hoosaa’inaatti gaggeessaa jira

Finfinnee, Amajjii 6, 2018 (FMC) – Paartiin Badhaadhinaa gamaaggama raawwii hojii paartii baatiiwwan 6 darbanii magaalaa Hoosaa’inaatti gaggeessaa jira.

Waltajjicha irratti Pirezidaantii Itti aanaa fi Hogganaa Waajjira Muummee Paartichaa obbo Adam Faaraah dabalatee hoggantoonni olaanoon Paartii Badhaadhinaa Naannolee fi Bulchiinsa Magaalotaa lameenii argamaniiru.

Obbo Adam Faaraah haasawa baniinsa waltajjii kanarratti taasisaniin, hojiileen paartii ijoon Paartichaan sadarkaa biyyaalessaatti hojjetaman ni gamaaggamamu jedhan.

Filannoon waliigalaa 7ffaan nagaa, haqa qabeessa, dimookiraatawaafi fudhatamummaa uummataa akka qabaatuuf gahee paartii irratti bal’inaan kan mari’atamu ta’uus ibsaniiru.

Naannoon Giddugaleessa Itiyoophiyaa erga hundeeffamee yeroo gabaabaa ta’us misoomaan fakkeenya ta’uu akka danda’e kaasanii, kanaaf ammoo kutannoon hoggansa paartichaafi hirmaannaan uummataa qooda olaanaa bahachuu eeran.

Gareen hoggantootaa obbo Adam Faaraah durfamu waltajjii gamaaggamaa kana dursuun guyyaa kaleessaa godinaalee Guraagee Bahaa fi Silxeetti hojiilee misoomaa garaagaraa dawwateera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.