Paartiin Badhaadhinaa leenjii hoggansaa gaggeessuu eegale
Finfinnee, Onkoloolessa 20, 2018 (FMC)- Paartiin Badhaadhinaa leenjii waggaa kan bara 2018 hoggantoota Olaanoo gaggeessuu eegaleera.
Leenjichi mata duree “Ilaalcha mootummaa Ida’amuun milkaa’ina dameelee” jedhuun guyyoota 10’f kan kennamu ta’uun ifoomeera.
Leenjii kanaan dhimmoonni garaagaraa beekumsa, ogummaafi dandeettii hoggansaa ijaaruu danda’an kan dhiyaatan ta’uun eerameera.
Leenjicharratti hoggantoonni mootummaa federaalaa fi naannolee kumni 2 ol kan hirmaatan ta’uus ibsameera.
Leenjii kanaan cinaatti daawwannaa hojiilee misoomaa kan gaggeeffamu ta’uu Paartichi ifoomseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.