Paartiin Diimokiraatawaa Tigraay Simrat yaa’ii gaggeessaa jira
Finfinnee, Onkololeessa 14, 2018 (FMC) – Paartiin Diimokiraatawaa Tigraay Simrat yaa’ii hundeeffamaa magaalaa Finfinneetti gaggeessaa jira.
Birmadummaa ummata Tigraay eeguuf hojjechuu qabna jedhan hogganaan Paartichaa obbo Getaachoo Raddaan ergaa baniinsa yaa’ichaarratti dabarsaniin.
Paartichi hanga ammaatti miseensota kuma 5 fi 600 ol galmeessuu eeruun, miseensonni kunneen yaa’icharratti hirmaachuuf fedhii qabaatanis sababa rakkoo nageenyaan hirmaachuu hin dandeenya jedhan.
Paartichi dhiibbaa ABUT ummata Tigraayirra qaqqabsiisaa jiru karaa nagaan falmachuuf kan hundaa’e ta’uu eeran.
ABUT qaamolee alaa waliin ta’uun nageenya ummata naannichaa fi biyyaa jeeqaa jiraachuu himan.
Yaa’ii gaggeeffamaa jiruun miseensonni 256 ol adeemsa sagalee kennuurratti kan hirmaatan ta’uu himan.
ABUT ummata Tigraay tokkummaa cimaan jiraataa ture meeshaa siyaasaa godhataa jiraachuu Leetanaal Jeneraala Tsaadqaan Gabratinsaa’i ibsaniiru.
Dhiibbaa kana qolachuuf Paartiin Simrat olaantumaa yaadaan falmachuuf hundaa’uu kaasan.
Paartiin Diimokiraatawaa Tigraay Simrat imala Badhaadhinaa Itiyoophiyaaf humna dabalataa kan uumu ta’uu Itti Gaafataamaa Ijaarsa aadaa Diimokiraasii Paartii Badhaadhinaa Mallas Alem eeraniiru.
Natsaannata Tsagaayitu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.