Paartilee siyaasaa filannoo waliigalaa 7ffaarratti hirmaataniif yeroon qilleensaa fi fuulli gaazexaa kakaasii bilisaan qoodame
Finfinnee, Bitootessa 19, 2018(FMC) – Paartilee siyaasaa filannoo waliigalaa 7ffaarratti hirmaataniif yeroon qilleensaa miidiyaalee fi fuulli gaazexaa kakaasii bilisaan ittiin gaggeessan qoodameera.
Haaluma kanaan Raadiyoo sa’aatii 782.5, Teeleeviizyiinii sa’aatii 513.45 fi fuulli gaazexaa 576 qoodamuu ifoomeera.
Yeroon qilleensaa fi fuulli gaazexaa bilisaan qoodame kun filannoo waliigalaa 6ffaarra % 10 caalmaa qabaachuu Daayirekterri Olaantuun Abbaa Taayitaa Miidiyaalee Itiyoophiyaa Aadde Haymaanoota Zallaqaan ibsaniiru.
Abbaan Taayitichaa fi Boordiin Filannoo Biyyaalessaa waloon ta’uun yeroo qilleensaa fi fuula gaazexaa kana bilisaan qooduun kaasan.
Paartileen Siyaasaa wayita yeroo qilleensaa fi fuula Gaazexaa bilisaa kana fayyadaman akkaataa heera mootummaa, namuusa filannoo fi seeroota biroo, akkasuma aadaa fi duudhaa hawaasaa eegeen fayyadamuu akka qaban hubachiisaan.
Paartileen Siyaasaa yeroo kenname kana sirnaan fayyadamuu akka qaban Walitti Qabduun Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Meelatawarqi Hayiluu yaadachiisaniiru.
Ramaddiin yeroo qilleensaa bilisaa kunis carraan akka ta’u godhamuu fi karaa bilisaa fi walaba ta’een qoodamu ibsaniiru.
Paartileen Siyaasaa yeroo qilleensaa fi Fuula Gaazexaa qoodame kana Bitootessa 23, 2018 hanga Caamsaa 19, 2018tti kan itti fayyadaman ta’uu eeran.
Sambata, Dilbataa fi guyyaa Ayyaanaa yeroo qilleensaa kanatti fayyadamuun kan hin danda’amne ta’uu hubachiisan.
#Oromia #Ethiopia