Piitar Muktaar Filannoo Pireezidaantummaa Maalaawwii injifatan
Finfinnee, Fulbaana 15, 2018 (FMC) – Filannoo Pireezidaantummaa Maalaawwiitti gaggeeffame maanguddoon umrii wggaa 85 Pireezidaantiin duraanii biyyattii Piitar Muktaar injifataniiru.
Bara Faranjootaa 2014 hanga 2020tti Maalaawwii kan bulchan Piitar Muktaar filannoo baranaa kana sagalee % 56 argachuun injifachuu Komishiniin Filannoo biyyattii beeksiseera.
Sagalee % 33 qofa argachuun kan injifataman Pireezidaantiin biyyattii Laazaaruus Chaakweeraan Piitar Muktaariin baga gammadde jedhaniiru.
Filannoon Pireezidaantummaa Maalaawwiitti gaggeeffamee milkiin xumuramuu hordofee Gamtaan Afrikaa ummata biyyattiin baga gammaddaan jedheera.
#Oromia #Ethiopia