Pilaatfoormiiwwan seenessa waloo ijaaruuf dandeessisan bocamanii gara hojiitti galaniiru- Ministeera Nageenyaa
Finfinnee, Mudde 9, 2018 (FMC) – Pilaatfoormiiwwan seenessoota qeenxee dhabamsiisuun seenessa waloo ijaaruuf dandeessisu bocamuun gara hojiitti galaniiru jedhe Ministeerri Nageenyaa.
Konfiransiin biyyaalessaa mata duree “ Hawaasa Barnootaa Nageenyaaf” jedhuun magaalaa Adaamaatti gaggeeffamaa jira.
Ministeera Nageenyaatti Hogganaan Deeskii Ijaarsa Nageenyaa obbo Wandwasan Mokonnin wayita kana wixinee imaammata nageenyaa Itiyoophiyaan ittiin hogganamtu qopheessuurraa eegalee filmaatawwan seenessa waloo ijaaruu dandeessisan diriirfamaniiru jedhan.
Hojiilee ijaarsa nageenyaaf xiyyeeffannoon kennamuu eeruun, manneen barnootaa sadarkaa 1ffaafi 2ffaa keessatti gurmaa’iinsota nageenyaa hundeessuun xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.
Dhaabbilee barnootaa olaanoo keessattis fooramiiwwan nageenyaa gurmeessuun barattoonni miira jaalala biyyaa akka hubataniifi ijaarsa nageenyaa keessatti qooda isaanii akka bahataniif hojjetamaa jira jedhan.
Dargaggoonni tola ooltonni kumni 100 ol ijaarsa nageenyaarratti tajaajila tola ooltummaa kennuuf naannolee garaagaraatti bobba’uu ibsaniiru.
Ministeera Barnootaatti Hogganaan Deeskii Sirna Barnootaa obbo Umar Yimaam gamasaaniin, dhaabbileen barnootaa nageenyaaf meeshaa baay’ee barbaachisaa ta’edha jedhan.
Sadarkaa biyyaalessaatti nageenya cimsuuf qoodni dhaabbilee barnootaa olaanaa waan ta’eef qindoominaan hojjechuun barbaachisaa ta’uu hubachiisaniiru.
Zufaan Kaasaahuntu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.