Pireezidaanti Doonaald Tiraampi tapha xumuraa kilaboota addunyaa isteediyeemiitti argamuun ni daawwatu
Finfinnee, Adoolessa 2, 2017 (FMC) – Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraampi dorgommii tapha waancaa xumuraa kilaboota addunyaa isteediyeemiitti argamuun ni daawwatu.
Doonaaldi Tiraampi istaadiyeemii Meet Laayifitti argamuun tapha xumuraa kana akka daawwatan ‘Daily Mail Sport’ gabaaseera.
Qopheessummaa Ameerikaan gaggeeffamaa kan jiru dorgommichi rakkoo jijjiirama qabeenya qilleensaafi hanqina daawwattootaan komiin irratti ka’aa ture.
Dorgommiin tapha waancaa xumuraa kilaboota addunyaa kun Dilbata dhufu istaadiyeemii Meet Laayifitti gaggeeffama.
Wandimmaaganyi Tsaggaayeen.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.