Fana: At a Speed of Life!

Pireezidaanti Puutiin Raashiyaan waliigaltee dhukaasa dhaabuufi marii nageenyaaf qophii ta’uu ibsan

Finfinnee, Caamsaa 11, 2017 (FMC ) – Pireezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin Pireezidaantii Ameerikaa Doonaaldi Tiraampi waliin marii Istaanbuuliin booda bilbilaan mari’ataniiru.

Pireezidaantonni lameen marii sa’aatii lamaa ol fudhateen, dhimmoota Raashiyaa fi Yuukireen giddutti dhukaasa dhaabuuf dandeessisanirratti mari’achuun ibsameera.

Pireezidaanti Puutiin marichi bu’aa qabeessaa fi faayidaa kan qabu ta’uu ibsuun, tattaaffii Waashingitan Mooskoo fi Kiyeev araarsuuf taasisaa jirtu dinqisifataniiru.

Puutiin Raashiyaan dhukaasa dhaabuu fi Yuukireen waliin nageenya waaraa uumuuf murannooo qabaachuu eeruun, Mooskoon filannoo gara waliigaltee nageenyaatti geessu hunda ni hordofti jedhan.

Doonaldi Tiraampi gamasaaniin, ejjennoo Ameerikaan adeemsa marii nageenyaa Raashiyaa fi Yuukireeniif qabdu Pireezidaanti Puutiinif ibsaniiru.

Doonaaldi Tiraampi marii Vilaadmiir Puutiin waliin taasisaniin booda Pireezidaantii Yuukireen Voloodmiir Zelaniskii waliin marii walfakkaataa kan taasisan ta’uun ibsamuu TRT’n gabaaseera.

Miikiyaas Ayyalaatu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.