Fana: At a Speed of Life!

Pireezidaanti Rajab Xayip Eerdowaan Finfinnee galan

Finfinnee, Guraandhala 10, 2018 (FMC) –Pireezidaantiin Turkiyyee Rajab Xayip Eerdowaan daawwannaa hojiif Finfinnee galaniiru.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad wayita Pireezidaanti Rajab Xayip Eerdowaan buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee gahan simannaa hoo’aa taasisaniifiru.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Pireezidaanti Rajab Xayip Eerdowaaniin baga nagaan bakka argama dhala namaa Itiyoophiyaa nagaan dhuftan jedhan.

Daawwannaan keessan hariiroon Itiyoophiyaa fi Turkiyyee daran cimaa ta’uu argarsiiftuudha jedhan.

‎Mariiwwan bu’aa qabeeyyiin tumsaa fi hariiroo biyyoota seenaa qabeeyyii lamaan gidduu jiran caalmaatti cimsanii fi waareessaan akka jiraatan abdiin qaba jedhan.

Hariiroon Dippiloomaasii Itiyoophiyaa fi Turkiyyee bara Faranjootaa 1896 eegale.

Turkiyyeen bara 1926 Itiyoophiyaatti Imbaasii ishee yoo bantu, Itiyoophiyaan ammoo bara 1933 Ankaaraatti Imbaasii bante.

Pireezidaanti Rajab Xayip Eerdowaan waggoota 11 booda deebi’anii Itiyoophiyaa daawwatan.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.