Fana: At a Speed of Life!

Pireezidaanti Rajab Xayip Eerdowaan simachuu kootti gammadeera – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Guraandhala 10, 2018 (FMC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Pireezidaantii Turkiyyee Rajab Xayip Eerdowaan daawwannaa hojiif gara Finfinnee dhufan simachuu kootti gammadeera jedhan.

Pireezidaanti Rajab Xayip Eerdowaan akka keessummaatti osoo hin taane akka michuu onneetti biyyi koo simannaa ho’aa isiniif taasisaftu isin waliin qooddachuu danda’uu kootti kabajatu natti dhagahama jedhan Dooktar Abiy Ahimad ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin.

Buna jalqabaaf biyya kootti argame waloon dhandhamachaa dhimmoota garaagaraarratti mari’achuun carraalee bal’aa fi tumsa keenya irratti hundaa’uun misooma qabatamaa, itti fufiinsa qabu dizaayinii gochuu dandeenya jedhan.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.