Pireezidaanti Shimallis Gujiitti hoggantoota WBO waamicha nageenyaa fudhatan simatan
Finfinnee, Waxabajjii 27, 2017 (FMC) –Pireezidaantiin Mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan Gujiitti hoggantoota WBO waamicha nageenyaa fudhatan simatan.
Pireezdaanti Shimallis Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Kibbaa kan Boonaa Bariifi Obboloo Shaayiin hoogganamu waamicha Mootummaa, Abbootii Gadaa, Haadholii siinqeefi hawaasni bal’aan taasiseef kabajuun daandii nagaa filatanii galaniif simannaa taasisaniiru.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa qe’ee Oromootti nageenyi waaraan akka bu’uuf, balbala nagaa banee, harka nagaa diriirsee qaamoleen hidhatanii Oromiyaa keessa socha’an daandii nagaa filatanii hawaasatti akka dabalaman yeroo garaa garaatti waamicha taasisuun hordofee hidhattoonni baay’een galuun hawaasatti dabalamaniiru.
Hidhattoonni kunneen bakka Abbootiin Gadaa fi Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan argamanitti Godina Gujii Magaalaa Adoolaa Waayyuutti simatamuufii ragaan BKO irraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.