Pireezidaanti Shimallis Magaalaa Giinciitti Waraqaa Galmee Filannoo fudhatan
Finfinnee, Bitooteessa 29, 2018 (FMC)- Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan Magaalaa Giincii, Buufata Filannoo Dandii 2ffaatti argamuun waraqaa galmee filannoo fudhataniiru.
Pireezidaanti Shimallis gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ergaa dabarsaniin, har’a Magaalaa Giincii, Buufata Filannoo Dandii 2ffaatti argamuun waraqaa galmee filannoo fudhadheera jedhan.
Guutuun ergaa isaanii akka ittaanuutti dhiyaateera.
Har’a Magaalaa Giincii, Buufata Filannoo Dandii 2ffaatti argamuun waraqaa galmee filannoo yoon fudhadhsagalee bilisaa ummataa kabajuufi miira ittigaafatamummaa koo bahuudhani.
Kun waraqaa qofaa osoo hintaane bu’uura jabaa ‘Waliigaltee Haawaasummaa’ biyya ijaaruuf mallatteeffameedha.
Ragaan sagalee siyaasaa qofas miti; meeshaa birmadummaa sagalee lammiileti jedhan.
Sagalee lammiin tokko qabu, dandeettii mootummaa ijaaruu, sirna madaaluufi egeree dhalootaa kallattii qabsiisuu danda’uudha.
Qaroomina siyaasa addunyaa kan hangafu Sirni Gadaa keenya, hirmaannaa lammiilee irratti kan hundaa’edha. Har’as, ijaarsa biyya keenyaa mariifi yaa’ii Caffee yaadrimeen Sirna Gadaa irratti hundaa’e madaqsuun, sagalee filannootiin gara dhaloota haaraatti ceessisaa jirra.
Filannoon mirga lammiilee qofa miti, ittigaafatamummaa hundi keenya egeree biyyaa murteessuuf waloon qabnuudha.
Bu’uuruma kanaan, hanga ammaatti ummanni naannoo keenyaa mil. 24 ta’u kardii filannoo isaa harkaan ga’ateera. Lammiileen sababa garagaraatiin hanga yoonaa hingalmoofne guyyoota 14’n hafan keessatti dammaqinaan ba’anii akka galmaa’an imaanaa jechuun barbaada.
Hundeen dimokraasii keenya oldhihoo osoo hintaane, akka hidda gadaa adeemsaan kan gabbatuufi kan dagaagudha.
Kanaafuu, ummanni naannoo keenyaafi lammiilee marti, hirmaannaa ho’aa taasisuun maraamartoo karaa qaxxaamuraa cabsuun ijaartota sirna dimokiraasii akka taatan waamicha kabajaan isiniif dhiyeessa.
Mootummaan Naannoo Oromiyaas filannoo kana akka adeemsa ijaarsa mootummaa qofaatti hinilaallu; akka adeemsa fudhatamummaafi seera qabeessummaan mootummaa itti dhugoomutti kan fudhatudha.
Sagaleen keessan humna bu’uuraa dandeettii diigumsaafi jeequmsaa dadhabsiisufi irree ijaarsaafi tasgabbii cimsuudha. Waldorgommii yaadaa malee waldorgommiin humnaa iddoo akka hinqabne kan taasisu ta’uu hubachuun ka’aa galmaa’aa; egeree keessan harka keessaniin qabaadha!
#Oromia #Ethiopia