Pireezidaanti Taayyeen sirna gaggeessaa Reeffa Raayilaa Odiingaarratti argaman
Finfinnee, Onkololeessa 7, 2018(FMC) – Sirni gaggeessaa Reeffa gameessa siyaasaa fi Ministira Muummee duraanii Keeniyaa Raayilaa Odiingaa Istaadiyeemii Biyyaalessa Naayiroobiitti raawwatameera.
Pireezidaantii FDRI Taayyee Atsiqasillaasee dabalatee hoggantoonni biyyoota garaagaraa, maatii, qaamoleen siyaasaa fi lammiileen Keeniyaa sirna gaggeessaa kana irratti argamaniiru.
Raayilaa Amooloo Odiingaaan umrii isaanii guutuu haqaaf, Diimokiraasii fi tokkummaa biyyaaf nama qabsaa’an ta’uu Pireezidaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoon ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin eeraniiru.
#Oromia #Ethiopia