Fana: At a Speed of Life!

Pireezidaanti Tiraampi Iraan waliigalteerra yoo hin geenye qaroominni ishee guutuun har’a halkan dhumataaf jedhan

Finfinnee, Bitooteessa 29, 2018 (FMC)- Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaaldi Tiraampi Iraan waliigalteerra yoo hin geenye qaroominni ishee guutuun akka deebi’anitti barbada’a jedhan.

Iraan waraana Israa’eeli fi Ameerikaa waliin eegalte dhaabsisuuf yaada murtoo dhukaasa dhaabuuf dhiyaate kuffisuun ni yaadatama.

Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaaldi Tiraampi Iraan Hulaa Hormuuz yoo hin bannee humna anniisaa biyyattiirratti halleellaa akka raawwatan hubachiisanii turuun ni yaadatama.

Yeroon dhukaasa dhaabuuf Pireezidaanti Tiraamp ka’an har’a halkan xumurama.

Pireezidaanti Tiraampi gama Miidiyaa hawaasummaa isaaniin, Iraan waliigalteerra geessee hulaa Hormuuz yoo hin bannee warraqsaa cimaatu uumama jedhan.

Kun ta’ee osoo jiru Ameerikaan bakka ijoo Iraan kan ta’e Buufata alergii boba’aarratti haleellaa raawwateetti.

Gama biraan waraanni Israa’el waraannii Iraan Israa’eel irratti misaa’eeloota furguggisuu ibseera.

Wanndimmaganyi Tsaggaayeetu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.