Pireezidaantii Buruundii Evaariisti Nideeshiimiiyyeen waliin marii bu’aa qabeessa taasiifne – Dooktar Abiy Ahimad
Finfinnee, Ebla 1, 2018(FMC) –Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Pireezidaantii Rippaabliika Buruundii Evaariisti Nideeshiimiiyyeen waliin marii bu’aa qqbeessa taasifne jedhan.
Marii waloo bu’aa qabeessa taasifne jedhan Dooktar Abiy Ahimad ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin.
Sanadoota waliigaltee tumsa waloo caalmaatti cimsan garaagaraa mallatteessuu himan.
Waliigalteewwan kunneen badhaadhinaa biyyoota lamaanii kan mirkaneessan ta’uu eeran.
Hariiroo bara dheeraa gara tumsa qabatamaatti jijjiiruuf bu’uura murteessaa ta’uun kan tajaajilan murannoo fi ejjennoo waloo qabnuuf mul’iftuudha jedhan.
#Oromia #Ethiopia