Fana: At a Speed of Life!

Pireezidaantii Itti Aanaan Gaambiyaa Finfinnee galan

Finfinnee, Qaammee 2, 2017 (FMC)- Pireezidaantii Itti aanaa Gaambiyaa Mohaammad Jaaloo Finfinnee galaniiru.

Hoggantoonni biyyoota garaagaraa fi jilli adda addaa yaa’ii Hawaasa Afrikaa- Kaariibiyaan irratti hirmaachuuf Magaalaa Finfinnee seenaa jiru.

Guyyaa har’aas Pireezidaantii Itti aanaan Gaambiyaa Mohaammad Jaaloo fi Ministirri Dhimma Alaa Jibuutii Ambaasaaddar Huseen Abduulqaadiir Finfinnee galaniiru.

Jilichi wayita Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee gahu Ministirri Ministeera Nageenyaa Mahaammad Idriis fi Qondaaltoota olaanoo Ministeera Dhimma alaan simatameera.

Haaluma wal fakkaatuun Pireezidaantiin Baankii Afreeksiim Beeneediit Oraamaahi yaa’icharratti hirmaachuuf Finfinnee galaniiru.

Pireezidaantichi wayita Buufata xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee gahan Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Birhaanuu Tsaggaayeen simataniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.