Pireezidaantii jalqabaa Naannoo Oromiyaa kan turan obbo Hasan Aliin gara biyyaa deebi’an
Finfinnee, Mudde 16, 2018 (FMC) – Pireezidaantii jalqabaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa kan turan obbo Hasan Aliin waggoota 29 booda har’a gara Itiyoophiyaatti deebi’aniiru.
Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan obbo Hasan Aliif maatii isaanii simachuun baga nagaan gara biyya keessanii deebitan jedhan.
Guyyaa har’aa Pirezidaantii MNO jalqabaa, kabajamoo obbo Hasan Alii yeroo kurnee saditti dhiyaatu booda maatii isaanii waliin gara biyya isaanitti yemmuun simadhu kabaja olaanaa waliini jedhan.
Pireezidaanti Hasan qabsoo ummata keenyaa keessatti gahee bahachaa turaniiru. Mootummaan Naannoo Oromiyaa sadarkaa har’aa kana akka qaqqabu namoota adda durummaan bu’uura kaa’aniidha jedhan obbo Shimallis Abdiisaan.
Har’a baga gammaddan jechuunii kanan barbaadu maatii isaanii waliin nagaan gara biyya isaanii dhufuu qofaaf miti; mootummaa isaan waa’iloota waliin bu’uuressan dhiibbaa hunda damdamatee oftursiisuu qofa irratti osoo hindaanga’in, cimeefi baldhatee ummata isaan qabsaa’aniif sadarkaa qe’eetti yemmuu tajaajilu arguu dandaa’uu isaanitiifi.
Gahee sadarkaa hundatti bahataniif, akkasumas tajaajila isaanitiif maqaa kiyyaafi maqaa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin galatoomaa jechuun barbaada jechuun ibsan.
Carraa kanaan, Mootummaan Naannoo Oromiyaa, ilmaan ummataa sababoota adda addaatin fagaatan akkaataa duudhaa ganamaatiin gara qe’eetti dhiyeessuuf fedhiifi kutannoo olaanaa kan qabu ta’uus asumaan kanan mirkaneessu ta’a.
Obbo Hasan Aliin Finfinneen yoo barbaadde samiitti olguddatti malee, abadan qonnaan bultoota oromoo qa’ee isaarraa buqqisuun dalga akka babal’attu hin eeyyamu jechuun nama cichoominaan mormaa turaniidha.
Sababa kanaan sirna yeroo sana tureen waldhabuun bara 1989 biyyaa godaanuuf dirqaman.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.