Fana: At a Speed of Life!

Pireezidaantiin Islooveeniyaa Naataash Piirs Siidaa Yaadannoo Injifannoo Adwaa jala abaaboo kaa’an

Finfinnee, Caamsaa 28, 2017(FMC) – Pireezidaantiin Islooveeniyaa Naataash Piirs Yaadannoo Injifannoo Adwaa daawwataniiru.

Naataash Piirs daawwannaa hojiif guyyaa kaleessaa Finfinnee galuun isaanii kan yaadatamudha.

Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen Pireezidaantittii simachuun Yaadannoo Injifannoo Adwaa daawwachiisaniiru.

Naataash Piirs turtii isaaniin hoggantoota olaanoo mootummaa waliin dhimmoota hariiroo biyyoota lameenii cimsuu danda’anirratti ni mari’atuun eegama.

Gizaachoo Girmaayeetu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.