Fana: At a Speed of Life!

Pireezidaantiin Rippaablika Diimookiraatawaa Saaharaawwii Arab Finfinnee galan

Finfinnee, Qaammee 1, 2017 (FMC) –Pireezidaantiin Rippaablika Diimookiraatawaa Saaharaawwii Arab Ibraahim Gahaaliin yaa’ii Hawaasa Afrikaa- Kaariibiyaan irratti hirmaachuuf Finfinnee galaniiru.

Ibraahim Gahaaliin wayita buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Boolee gahan Ministir DeetaavMinisteera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Birhaanuu Tsaggaayeen simatamaniiru.

Yaa’iin Hawaasa Afrikaa- Kaariibiyaan 2ffaan mata duree “ Afrikaanotaafi Hidda Afrikaanotaaf Haqa Barbaaduuf Tumsa Ardiirra Cehu” jedhuun Boru Qaammee 2, 2017 Finfinneetti gaggeeffama.

Yaa’ichi biyyoonni Afrikaafi Kaariibiyaanii tumsa Kibba- Kibbaan hariiroo isaanii guddisuuf akkasumas hariiroo Afrikaan biyyoota Kaariibiyaanii waliin qabdu gara dippiloomaasiifi tumsa diinagdee cimaatti guddisuuf ni dandeessisa jedhameetu eegama.

Ashannaafii Shibbiruutu Gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.