Pirezidaanti Puutiin lammiilee Godina Gaamootti balaa sigiga lafaan lubbuun isaanii darbeef gadda isaanii ibsan
Finfinnee, Bitootessa 7, 2018 (FMC)- Pirezidaantiin Raashiyaa Viilaadmiir Puutiin lammiilee Naannoo Kibbaa Itiyoophiyaa Godina Gaamoo aanaalee garaagaraatti sababa sigiga lafaan lubbuun isaanii darbeef gadda isaanitti dhagahame ibsaniiru.
Pirezidaantichi gaddaa isaanii Pirezidaantii FDRI Taayyee Atsiqasillaasee fi Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimadiif ibsaniiru.
Pirezidaanti Viilaadmiir Puutiin ibsa isaaniin, maatiifi firoottan lammiilee balaa sigiga lafaan lubbuun isaanii darbeef jajjabina hawwaniiru.
Itiyoophiyaanonni balaa Kanaan miidhaman ariitiin akka bayyanatanis hawwaniiru.
Balaa Kanaan hanga guyyaa kaleessaatti lubbuun namoota 81 darbuu ragaan Godinicharraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.