Fana: At a Speed of Life!

Pirezidaanti Taayyee Atsiqasillaaseen Ayyaana Sooma Hiikaa sababeeffachuun harka qalleeyyiif maaddii qoodan

Finfinnee, Bitootessa 30, 2018 (FMC) – Pirezidaantiin RDFI Taayyee Atsiqasillaaseen Ayyaana Sooma Hiikaa sababeeffachuun namoota harka qalleeyyiif maaddii qoodaniiru.

Pirezidaanti Taayyee Atsiqasillaaseen wayita kana maaddii qooduun gochaa gaarii waaqa biratti jaallatamu ta’uu ibsaniiru.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad lammiileen harka qalleeyyiin wayita Ayyaanaa balbala isaanii cufatanii dabarsuu hin qaban jechuun kaka’umsi eegalan kun aadaan walgargaarsaa Itiyoophiyaa akka gabbatu taasiseera jedhan.

Gochaan walgargaarsaa kun yeroo ayyaanaa manni namoota harka qalleeyyii duwwaa akka hin taaneefi warreen kaan waliin akka dabarsaniif kan gargaaru ta’uu ibsuusaanii ENA’n gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.