Fana: At a Speed of Life!

Pirezidaanti Taayyee Atsiqasillaaseen Pirezidaantii Rootarii Intarnaashinaal waliin mari’atan

Finfinnee, Amajjii 20, 2018 (FMC) – Pirezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaaseen Pirezidaantii Rootarii Intarnaashinaal Firaansiikoo Ariizoo waliin mari’ataniiru.

Pirezidaanti Taayyee Atsiqasillaaseen dhaabbileen miseensa Rootarii Intarnaashinaal hawaasa idil-addunyaa jijjiiruuf tattaaffii taasisan cimsuu qabu jedhan.

Pirezidaantiin Rootarii Intarnaashinaal Firaansiikoo Ariizoon daawwannaa Itiyoophiyaatti taasisaa jiran ilaalchisuun ibsa kennaniin, Rootariin waggoottan 70 darban Itiyoophiyaatti hojiilee walitti fufiinsa qaban hojjechaa turuu yaadachiisan.

Dhaabbatichi yeroo ammaa Itiyoophiyaatti pirojektoota Birrii miiliyoona 100 fi miiliyoona 50 hojjechaa akka jirus ibsaniiru.

Dhaabbatichi damee fayyaa irratti hojjechaa jiraachuu kaasanii, keessumaa duula pooliyoo dhabamsiisuu irratti hirmaachuun dhukkubichi addunyaarraa akka baduuf qooda isaa bahachuu eeran.

Daawwannaa taasisaa jiraniin hojiilee dameewwan fayyaa garaagaraa daawwachuu ibsuun, karaa Itiyoophiyaan dhukkuba Maarbargi itti to’atte milkaa’ina guddaa ta’uu dubbatan.

Rootarii Intarnaashinaal waggoottan 70 darban Itiyoophiyaatti deeggarsa misoomaa Birrii biiliyoona 1.7 ta’u taasisuun ibsameera.

Salamoon Bayyanaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.