Fana: At a Speed of Life!

Pirezidaantii Itti aanaan duraanii Ameerikaa Diik Cheenii boqotan

Finfinnee, Onkoloolessa 23, 2018 (FMC)- Pirezidaantii Itti aanaan duraanii Ameerikaa Diik Cheeniin umurii waggaa 84tti boqotan.

Du’aan kan isaan ga’e dhibee daranyoo sombaa fi onnee ta’uu maatiin isaanii dubbachuu BBC’n gabaaseera.

Bara Faranjootaa 2001 hanga 2009 tti bara Joorji W.Buush Amerikaa bulchan pirezidaantii itti aanaa ta’uun tajaajiluun isaaniis ni yaadatama.

Halellaa 9/11 booda Ameerikaan Yoo Iraaniin weerartu ga’ee olaanaa akka taphatan kan himamu Diik Cheeniin, haasaa isaanii Iraan meeshaa jumlaan nama fixu hidhatteetti jedhuun beekamu.

Ta’us meehaan isaan jedhan hin argamne ture.

Diik dabalataan bara 1970tti barreessaa Waayit Haawus pirezidantii Jeeraaldi Foordi ta’uun tajaajiluun isaanis himameera.

Abeel Niwaayiin

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.