Fana: At a Speed of Life!

Pirezidaantiin Islooveeniyaa daawwii isaanii Itiyoophiyaa xumuran

Finfinnee Caamsaa 29, 2017 (FMC) – Pirezidaantiin Rippabiliika Islooveeniyaa Naataashaa Piriik Musaar daawwannaa isaanii hojii Itiyoophiyaa xumuruun biyya isaanitti deebi’an.

Pirezidaantiin FDRI buufata xiyyaaraa Booleetti argamuun geeggeessaniiru.

Turtii isaaniinis Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimad fi Pirezidaanti Taayyee Atsqasillaasee waliin tumsa dippilomaasii biyyoota lamaanii cimsuun dameelee waliin hojjechuun itti danda’amu irratti mari’taniiru.

Maree Masaraa Mootummaatti Pirezidaanti Taayyee waliin mari’ataniin Itiyoophiyaa fi Islooveeniyaan Hubannoo namtolcheen fi saayinsii hawaan Tumsaa hojjachuuf kutannoo qaban mirkaneessaniiru.

Pirezidaantittiin yaadannoo injifannoo Addaatti Abaaboo kan kan kaa’an yoo ta’u, kantiibaa magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee wajjiin ta’uun sagantaa agarsiisa misooma kannisaa eegalchiisuun isaanii ni yaadatama.

Turtiin isaanii Investimentii fi daldala dabalatee dameelee garaagaraan tumsa waloo cimsuuf ga’ee guddaa akka qabaatu ibsamuu eeruun kan gabaase TOI ti.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.